Baajatni yunivarsitiiwwanii akkaataa bu’aa isaan galmeessaniin kan ramadamu ta’a – Biraanuu Naggaa (Prof.)

You are currently viewing Baajatni yunivarsitiiwwanii akkaataa bu’aa isaan galmeessaniin kan ramadamu ta’a – Biraanuu Naggaa (Prof.)

AMN – Muddee 16/2017

Yunivarsitiiwwaniif baajatni ramadamu bu’aa isaan galmeessan irratti hundaa’uun akka ta’u Ministirri Barnootaa Biraanuu Naggaa (Prof.) ibsaniiru.

Rakkoolee damee barnootaa mudataa jiran haala qindoomina qabuun fooyyessuuf waliigalteen mallattaa’eera.

Waliigaltee kana Ministeera Barnootaa, walitti qabdoonni boordii yunivarsitiiwwan mootummaa 47 fi pireezdaantonni mallatteessaniiru. Dhaabbilee barnoota ol-aanoo bu’uuraan jijjiiruuf qulqullina barnootaa eeguun barbaachisaa ta’uu Ministirri Barnootaa ibsaniiru.

Keessattuu, humna namaa gahumsa qabu oomishuuf qulqullina irratti hojjechuun dirqama ta’uu fi hojiiwwan qorannoo rakkoolee gurguddoo hiikuu danda’an irratti hojjechuun dirqama ta’uu waliigaltee kana keessatti hammatamuun isaa ibsameera.

Baajata yunivarsitiiwwaniif ramadamu bu’aa isaan galmeessan irratti hundaa’uun kan hojjetamu ta’uu kan himan Ministirri Barnootaa, Sirni baajata walqixa ramaduu kanneen raawwii gadi aanaa qabaniif akka hafu himuu isaanii TOItu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply