AMN- Sadaasa 13/ 2017
Jijjiirama qabatamaa amma eegalame itti fufsiisuufi badhaadhina yaadame mirkaneessuuf, kalaqaafi teekinooloojii idileessuun murteessaadha jedhan Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota uummataafi Obbo Taaggasee Caafoo.
Agarsiisni Idil Addunyaa “Ethio Green Mobility’ 2024 Magaalaa Finfinnee Paarkii Indaastirii Huwaanjaanitti banameera.
Agarsiisichi ijaarsa geejjiba magariisaa jajjabeessuu fi qooda fudhattoota damechaa dadammaqsuuf banamuun ibsameera.
Ministirri Ministeera Geejjibaafi Loojistiksii Dr. Alamuu Simee, agarsiisa qophaa’e kun Itoophiyaatti kan jalqabaa ta’uu himuun, Finfinneen milkaa’ina Sosochii Geejiba magariisaa akka biyyaatti qabame milkeessuuf adeemsi eegalte abdachiisaadha jedhan.
Itoophiyaan akka biyyaatti bu’uuraalee misoomaa geejjiba saffisiisaa hojiirra oolchaa jiraachuu kan himan Dr. Alamuun, konkolaattonni humna elektirikaan socho’anis hojii Amma eegalle ariifachiisuu keessatti faayidaa guddaa qabu jedhaniiru.
Dhaabbileen dhuunfaa konkolaattota humna ibsaan socho’an, mootorsaayikilootaafi meeshaalee nageenyummaa tiraafikaa to’atan dhiheessan teekinooloojii guutuu waliin agarsiisaaf dhiheessaniiru.
Sagantaan agarsiisaa Kun sadarkaa Idil-Addunyaatti Sadaasa 16-20 bara 2017 Magaalaa Finfinneetti kan gaggeeffamu ta’uunis himameera.
Sisaay Dirribaatu Gabaase