AMN PLUS- Onkoloolessa 22/2018
Biyya Alaatti lammiilee Kuma 800f carraa hojii uumuuf karoorfamuu Ministeerri Hojiifi Ogummaa beeksise.
Haala kabaja, mirga, nageenyaafi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuun, lammiileef carraan hojii biyya alaatti mijeeffamaa jiraachuu Hoji-raawwachiisaan Sab-quunnamtiifi Komunikeeshinii Ministeerichaa Obbo Abbabaa Alamuu dubbataniiru.
Bara 2017 keessallee lammiilee Kuma 100 fi Kuma 36f carraan hojii biyyoota alaa garaa garaatti mijachuu ibsaniiru.
Gama imbaasiiwwan Itoophiyaa biyyoota kanneen keessatti argamaniin nageenya, kabajaafi fayyadamummaan lammiilee akka mirkanaa’us eeraniiru.
Biyyoota akka Kuweet, Liibaanos, Saa’udi Arabiyaa, Emireetota Arabaa Gamtoomanii, Yoordaanosiifi Kaataar waliin sanadni waliigaltee mallatteeffamuu kaasuun, gara fuulduraattis biyyoota birootti babal’isuuf karoorfamuu kaasaniiru.
Carraawwan hojii mijatanis gargaartuu mana keessaa, qabiinsa manaa, kunuunsa maatii, konkolaachisummaa, eegumsaafi kanneen biroo ta’uu ibsuu isaanii TOI’n gabaaseera.
Biyyoota birootti carraa hojii kana bal’isuuf dhiyeenyatti waliigalteen Ministirri Hojiifi Ogummaa Mufariyaat Kaamiil, Xaaliyaanii wajjin mallateessite murteessaa ta’uu ibsuun, biyyattiin humna leenji’e gariin fudhachuuf qophii ta’uu ishee Ministeerichi beeksiseera.