Biyyikoo Neetworkii ofii ishee akka qabaattun hojjedha – Raajii Ibsaa

You are currently viewing Biyyikoo Neetworkii ofii ishee akka qabaattun hojjedha – Raajii Ibsaa

‎AMN Plus – Onkoloolessa 08/2018

Itoophiyaan Neetwoorkii kireeffattee fayyadamtu keessaa baatee neetworkii ofii ishee akka qabaattu kalaqa gargaaru hojjechaa jiraachuu Barataa Raajii Ibsaa Alamaayyoo dubbate.

Tibbana Raajii Ashannaafiin Yaadrimee Fiiziksiitiin Galma UN keessaa nu rajeffachiise, ammammoo Raajii isa biraa, Raajii Ibsaa, Neetiwoorkiidhaan dhufeera.

Raajiin AMN Diijitaal waliin turtii taasiseen, ‎”Biyyi keenya akkuma hidha haaromsaarraa anniisaa ollaaf gurgurtu, Neetwoorkii mataa ishee qabaattee akka gurgurtuuf kalaqnikoo ni gargaara” jedheera.

‎Adunyaan kalaqaan har’a geesse kan jedhe Raajiin, Neetwoorkii kalaqe kanaaf duraan maqaa “Dambidoolloo Neetwork” jedhu kenneefii kan ture yoo ta’u, erga kalaqichi dhugoomee ammoo maqaa ”Oromiyaa Neetwork” jedhu akka kenneef kaaseera.

‎Kaayyoon kalaqa kanaa baasii utubaa ykn taawoorii neetiworkiif ba’u hambisee baajata xiqqaan neetwoorkii bakka hundaatti baballisuu fi baadiyyaa fagoo biyyattii neetwoorkiin hin qaqqabne biraan gahuuf akka ta’es AMN Dijitaaliif ibseera.

‎Godina Qellem Wallaggaa Magalaa Dambidoolloo, mana barumsaa Beeziitti barataa kutaa 11ffaa akka ta’e kan dubbatte Raajiin manni barumsaa Bu’uura Boruu immoo iddoo kalaqa isaa jalqabaa ta’uu kaaseera.

‎Bara 2013 osoo kutaa 6ffaa baratuu kalaqni isaa hojjechuuf waggaa 4 isa fudhate akka milkaa’eefi kaasee, kan isa kakaasees rakkoo ciccita neetwoorkii Naannoo isaa tureef furmaata argachuu ta’uu barataa Raajii Ibsaa dubbateera.

‎Meeshaan ittiin hojjechuuf fayyadame meeshaalee naannoo isaatti argamu irraa ta’uus dubbateera.

‎Kanaan dura dorgommii ”Biruhi Itoophiyaa” Yunivarsiitii Saayinsii fi Tekinooloojii Adaamaatti akkasumas dorgommiiwwan addaaddaa dorgomee akka mo’ates kaaseera.

‎Gara fuula duraattis abbaa qabeenya ”Oromiyaa Neetwoork” guddicha ta’uun Saayintistii guddaa Idil addunyaa dhimma neetwoorkii irratti hojjetu ta’ee addunyaa gargaaruu akka barbaadu ibseera.

‎Bara 2016 Ministeerri Innoveeshiinii beekamtii kan kenneef ta’uu kaasee, Itiyoo Teelekoomii fi dhaabbilee Neetiwoorkii babal’isan waliin hojjechuuf fedhii kan qabu ta’uu kaaseera

‎Kalaqni mirga abbummaa barbaada kan jedhe Rajii Ibsaa Teekinooloojiin kunis akkasuma waan ta’eef qaama mootummaa irraa mirgi abbummaa argannaan hojjechuu akka danda’u dubbateera.

Maatiin kalaqaaf bu’uura akka ta’aniif kaasee, Yuunivarsitii Dambidoollootti Abbaan kalaqa Dirooniiwwanii Barsiisaa Amaanu’eel Baalchaafi namootni adda addaa tumsa guddaa akka godhaniif kaaseera.

‎Kaayyoo koo galma ga’uuf barnoota na barbaachisa kan jedhe Raajiin mana barnootaa Neetworkingiin kan akka Isiraa’el fa’aa waan ta’eef akkan achitti baradhuuf carraa barnootaaf mootummaanis ta’e qaamotni biyya keessaafi alaa deggersa akka naaf taasisan jechuun ergaa dabarseera.

‎Daraartuu Tarreessaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply