Bunarraa Waggaa Walakkaatti Galiin Doolaara Miiliyoona 900 ol argame

You are currently viewing Bunarraa Waggaa Walakkaatti Galiin Doolaara Miiliyoona 900 ol argame

AMN PLUS – Amajjii 12,2017

Ji’oottan jahan darban buna gara alaatti ergame irraa galiin doolaara Ameerikaa miiliyoonni 900 ol argamuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayee beeksiseera.

Daayiraktara olaanaa Itti Aanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayee Itoophiyaa Obbo Shaafii Umar ibsa miidiyaaleef kennaniin, buna toonii kuma 200 ol gabaa biyya alaaf dhiyaaterraa galiin doolaara Ameerikaa miiliyoonni 900 fi miliyoonni 8 argameera jedhan.

Galiin argames kan bara darbe yeroo walfakkaatuun waliin wal bira qabamee yeroo madaalamu kan bara kanaa doolaara kuma 300 oliin caalmaa qabaachuu obbo Shaafiin ibsaniiru.

Biyyoottan Kanneen akka Chaayinaa, Sa’uud Arabiyaa, biyyoottan Gamtaa Emireetotaa, Beeljiiyem, USA, Jarman, Joordaan fi kkf keessatti sadarkaa 1ffaa hanga 10ffaan qabachuu kan gurguramaa ture ta’uus obbo Shaafiin eeraniiru.

Bara kana bunarraa galii Doolaara Biiliyoona 2 argachuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuus kaasaaniiruu.

Mangashaa Daargeetu gabaase

All reactions:

9292

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply