AMN- Mudde 03/2017
Afriikaa Kibbaa Piriitooriyaatti dhalate. Obboleessa isaa waliin Chakooleetii tibba Ayyaana Qillee manatti hojjetame mana namaarra naannessuun gurguraa ture. Har’a abbaa qabeenya doolaara biiliyoona 400 ta’uun abbaa qabeenyaa jalqabaa ta’eera. Elon Mask
Umriisaa ganna 12tti tapha kompiitaraasa jalqabaa hojjete. Daa’imummaatti maatiinsaa wal hiikuun, qoosaa mana barumsaa haamlee isa cabsuun dabalata, dandeettii hawaasa waliin walitti makamee akka fedhetti hariiroo uumuusaa dhabuun hedduu rakkataa ture.
Barnootaa Kooleejiif gara Kanaadaa yeroo imalu garuu daandiin jireenyaasaa jijjiirame. Bara 1990moota keessa barnoota Fiiziksii erga xumuree booda jabana interneetiin addunyaa dhuunfataa turetti innis damee teekinooloojii IT seene.
Jalqaba Sooftiweerii imaltootaaf daandii eeru ‘Zip 2’ obboleessa isaa waliin kalaqe. Dhaabbata kana bara 1999tti doolaara miiliyoona 307tti gurguran.
Bara 2000tti ammoo tooftaa kaffaltii ammayyaa ‘PayPal’ hundeessan. Innis waggaa lama osoo hin turin doolaara biiliyoona 1.5’n harka dhaabbata ‘ebay’ seene.
Elon Maski gurgurtaa kana irraa doolaara miiliyoona 100 fayyadamuun dhaabbata ‘Space X’ har’aa kana hundeesse.
Bara 2004tti ammoo warshaa oomisha konkolaataa anniisaan hojjetu ‘Tesla’ hundeesse.
Abjuu isaarratti cichoomina qabuun, yeroo hedduu kufee ka’ee rookeetii gara hawaatti furguggisuun deebisee qubachiisuu kan danda’e nama dhuunfaa jalqabaati.
Bara 2022tti ‘Twitter’ doolaara biiliyoona 44’n kan dhuunfaasaa yeroo taasifatu siyaasa Amerikaa keessatti homaa shoora hin qabu ture.
Maqaa dhaabbatichaa gara ‘X’tti jijjiiruun bilisummaa yaadaa ukkaamfamee ture walaba baasuu isaatu dubbatama. Kanaanis Doonaaldi Tiraamp hedduu fayyadamaniiru. Sababnisaas, Elon Maski uggura ‘Twitter’ hambisuun dabalata, duula filannoo Tiraamp taasisan keessatti lafee dugdaa ture.
Doonaald Tiraamp filannoo Pirezidaantummaa 2024 injifachuu hordofee qabeenyi Elon Mask akkaan dabale.
Kana malees rookeetiiwwan dhaabbata isaa ‘Space X’ irraa furguggisu milkaa’uun isaanii gatii dhaabbilee isaa olkaaseera.
Biiliyeenarri kun yeroo ammaa qabeenya qulqulluu taaksiifi gibira booda kuufame doolaara biiliyoona 400’n gahachuun dureessa jalqabaa ta’eera.
Tagany Bafiqaaduutiin