Cimnee yoo hojjenne raajii hojjechuu dandeenya- Obbo Awwal Arbaa

AMN Onkololeessa 25, 2017

Cimnee hojjennaan naannawaa keenyatti hojii ajaa’ibsiisaa hojjechuu akka dandeenyu hubanneerra jedhan Pireezidaantiin Naannoo Afaar Obbo Awwal Arbaan.

Obbo Awwal, Naannicha Aanaa Gabii Rasuu Hanrukaatti hojiilee misoomaa garaagaraa gaggeeffamaa jiran daawwataniiru.

Oomishni muuzii gabaaf dhiyaachaa jiru, yoo hojjetan kan hindanda’amne akka hinjirre argisiistuudha jedhan.

Misoomni muuzii amma gabaaf dhiyaachaa jiru kan bara darbe dhaabame ta’uu kaasuun, deeggarsaa fi hordoffii taasifameen bu’aa argamsiisuu dubbataniiru.

Hojiin misoomaa kunis muuxannoo cimaa ta’uu himuu ragaan komiikeeshinii naannichaarra argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply