
AMN Onkololeessa 26, 2017
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa Xiyyaara Imaltoota Afrikaatti kan jalqabaa ta’e A350 – 1000 jedhamu dhaabbata Eer Baasirraa kaleessa galgala fudhateera.
Xiyyaarri Daandiin qilleensichaa Dhaabbata Eer Baasirraa fudhate kun “Ethiopia Land of Origins” jedhamuun kan moggaafame akka Afrikaatti akaakuun kan jalqabaa ta’uu ibsameera.
Xiyyaarichi Buufata xiyyaaraa Faransaayi Tuluus irraa ka’uun har’a guyyaa sa’aatii 8:00 irratti buufata xiyyaaraa idil addunyaa Boolee ni gaha jedhameera.