Daldala naannawaa saffisaa taasisuuf gufuuwwan taarifaa dhabamsiisuuf tarkaanfii hatattamaa fudhatamuun akka barbaachisu Pirezidaantiin Keeniyaa Wiliyaam Ruutoon ibsan.
Agarsiisni daldalaa (EAC MSME) 25ffaan Naayiroobiitti adeemsifamaa kan jiru yoo ta’u biyyoonni miseensa ta’an irratti hirmaataniiru.
Rakkoo daldalaa yeroo dheeraaf ture furuu fi daldala daangaa qaxxaamuru salphisuuf biyyoonni miseensa EAC irratti hojjechuu akka qaban Ruutoon ibsaniiru.
Qormaatilee daangaa irratti mudatan furuun sosochii meeshaalee fi tajaajiloota fooyyessuun qindoominaan hojjetamuu akka barbachiisus dhaamaniiru.
Itti Aanaan Barreessaa Olaanaan Dhimma Gumurukaa, Daldalaafi Maallaqaa EAC Annattee Mutaawee Semuweembaa akka himanitti daldala naannawa bilisaa AfCFTA irraa guutummaatti fayyadamuuf oomisha biyya keessaa cimsuun barbaachisaadha jedhu.
Sochii meeshaalee fi tajaajiloota bilisaa guddisuu, fi qaqqabummaa faayinaansii, teeknooloojii fi gabaa babal’isuun murteessaa akka ta’es cimsanii dubbataniiru. Gabaasni kan POA ti.