Dammaqina waa’ee Oromoo haalaan kan hubate Jaarraa Abbaa Gadaa akka ta’e Obboleessi isaanii Dooktar Nasraddiin Ibraahim ibsan.
Qabsoon keessa dabran wareegama guddaa waan gaafatuuf lubbuu oolfachuuf biyya ormaatti godaanuu obboleessi Jaarraa Abbaa Gadaa, Dr. Nasraddiin Ibraahim turtii AMN PLUS Qophii Addaa waliin taasisaniin ibsaniiru.
Dooktar Nasraddiin, Obboleessa isaanii hangafa Jaarraa Abbaa Gadaa lafa qabsootti gargaaraa akka turanis ni hima.
”Obboleessi kiyya kan biraa dhukkuba busaatiin dhibamee yaala dhaburraa du’aan kan boqatee, ogummaa fayyaa akkan baradhu na taasise” jedhan Dooktar Nasraddiin

Dhalootumarraa maatiin isaanii qabsaa’ota kan turan lola “Calii Calanqootiin” akaakkayyuun isaanii akka wareegaman abbaan isaanii itti himuu dubbataniiru.
Lubbuu isaanii oolfachuuf biyyaa ba’anii waggoota dheeraaf biyya ormaa kan turan Dr. Nasraddiin Ibraahim jijjiirama booda gara biyyaatti kan deebi’an ta’uu dubbataniiru.
”Finfinnee namoonni tokko tokko dhoksuu barbaadanis jijjiiramni magaalattiin saffisaan agarsiiste magaalota Afrikaa dura akka deemtu taasiseeras” jedhaniiru.
”Akka kanaan itti fufti taanaan Magaalaan Finfinnee magaalota gurguddoo addunyaatiin akka dorgomtu shakkiin hin jirus“ jedhaniiru.
Ogummaa fayyaafi muuxannoo biyya alaatti argataniin hawaasa isaa tajaajiluuf Magaalaa Finfinnee keessatti hojjechaa akka jiranis eeruun, Hospitaala guddaa kutaalee hawaasaa hedduu tajaajilu banuuf karoorfachuu isaanii itti dabaluun ibsaniiru.
Daraartuu Tarreessaatu qindeesse