Dargaggoonni Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Magaalaa Shaggar Ayyaanni Cuuphaa karaa duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf maree waloo gaggeessan

You are currently viewing Dargaggoonni Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Magaalaa Shaggar Ayyaanni Cuuphaa karaa duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf maree waloo gaggeessan

AMN PLUS – Amajjii 09/2017

Dargaggoonni Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee fi Magaalaa Shaggar Ayyaanni Cuuphaa karaa nagaa fi duudhaa isaa eeggateen akka kabajamuuf maree waloo gaggeessaniiru.

Itti Aanaa waajjira paartii badhaadhinaafi itti gaafatamaan damee siyaasaa Magaalaa Finfinnee Obbo Alamaayyoo Ijjiguu, dargaggoonni Magaalaa Finfinneefi Magaalaa Shaggar ayyaanota darban irratti tokkummaan hojjechuun bu’aa qabatamaan argamuu ibsanii, Ayyaana Kataraafi Cuuphaa bara kanaafis Dargaggoonni magaalota lamaanii qindoominaan hojjachuuf qophiin xumuramuu himaniiru.

Ayyaanni Cuuphaa ibsituu tokkummaa keenyaati kan jedhan Hoogganaan biiroo Dargaggootaa fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee Obbo Balaay Dajan, Ayyanichi karaa duudhaa fi sona isaa eeggateen akka kabajamuuf gaheen dargaggoota Magaalaa Finfinnee fi Shaggar olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Itti Gaafatamaan biiroo dargaggootaa fi Ispoortii Kutaa Magaalaa Shaggar Obbo Naasir Huseen gama isaanitiin, dargaggoonni magaalota lameenii tokkummaan Ayyaanicha akka milkeessaniif qophiin dursaa xumuramuu eerananiiru.

Dargaggoonni magaalota lameeniis, ayyaanni Cuuphaa kun karaa nagaa, duudhaa fi safuu amantichaa eeggateen akka kabajamuuf gahee isaan irraa eegamu bahachuuf qophii tahuu himaniiru.

Geetahuun Katamaatu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply