Dhaloonni Har’aa Itoophiyaa Nagaa fi Tokkummaan Jiraattu Uumuu Qabu – Malaaka Hiwot Qomoos Aabbaa Waldayyesuus Seefuu

You are currently viewing Dhaloonni Har’aa Itoophiyaa Nagaa fi Tokkummaan Jiraattu Uumuu Qabu – Malaaka Hiwot Qomoos Aabbaa Waldayyesuus Seefuu

AMN – Amajjii 10/2017

Dhaloonni har’aa Itoophiyaa nagaa fi tokkummaan jiraattu uumuu qabu jedhan, Mana Amantaa Ortodooksii Tawaahidoo Itoophiyaatti Hoogganaan Kutaa Pirojektii Waliigalaa, Malaaka Hiwot Qomoos Aabbaa Waldayyesuus Seefuu.

Wayita Ayyaana Cuuphaa bara 2017 kabajnu aadaa wal-deeggaruu babnu fayyadamuun kan qabu isa hin qabne yaadachaa ta’uu akka qabus turtii AMN PLUS waliin taasisaniin ibsaniiru.

Ayyaanni Cuuphaa yaadannoo, Iyyesuus kiristoos laga yoordaanositti cuuphamuun, xalayaa ilmaan namaa ittiin gabrummaa jala turan kan haqee fi jaalala ilma namaaf qabu kan itti mul’ise waan ta’eef ayyaana dhiifamaa fi araarri irraa baratamu, ayyaana iddoo guddaa kan qabu ta’uus himani.

Iyyessuus kiristoos gatii malee ilmaan namaa jaalachuun ilmaan namaaf fakkeenya waan ta’eef nutis akkasuma wal-jaalachuun miira obbolummaa qabaachuun daandii nagaa fi tokkummaa hordofuu qabnaa jedhaniiru.

Dhaloonni har’aa akkuma abbootii keenya durii jaalalaa fi wal-danda’uun Itoophiyaa nagaa fi tokkummaan jiraattu uumuu akka qabanis akeekaniiru.

Ayyaanichas wayita kabajnu aadaa waltumsuu qabnu fayyadamuun kan qabu, kan hin qabneef qoodee, miira gammachuun dabarsuu akka qabus Malaaka Hiwot Qomoos Aabbaa Waldayyesuus Seefuun dhaamaniiru.

Darajjee Bayyanaatu Gabaase

All reactions:

109You and 108 others

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply