AMN PLUS Amajjii 13/2017
Doonald J.Tiraamp Pireezdaantii Ameerikaa 47ffaa ta’uun marsaa lammffaaf filatamuun isaanii ni yaadatama. Guyyaa kaleessa sirna kakuu raawwataniiru. Sirna kana booda haasaa dheeraa taasisaniiru.
Traamp haasaa isanii keessatti maal jedhan? Dubbiin qalbii hawaasa addunyaa hawwate keessa:
Ameerikaatti koorniyaa lama, dhiiraafi dhalaa qofatu beekamtii argata.
Yeroon ijoolleen keenya akka maashinaatti saala isaanii filatan darbeera,
Dhiiraa fi dubartoonni saala isaanii jijjiiran saala isaaniif beekamtii kan hin argannee fi hojii isaanii dabalatee haalawwan adda addaa keessatti ni dhorkamu,
Lammiileen seeraan ala biyyattii keessa jiraatan dirqamaan gara biyya dhufaniitti deebi’uu,
Boba’aan Ameerikaa ba’ee hojiirra oola,
Bo’oon Paanaamaa Ameeriikaaf deebi’a,
Qaala’iinsii gatiifi gatiin gibiraan ni hiri’ata,
Konkolaataan elektirikii Ameerikaatti hojjetamee tajaajila geejibaaf oola,
Ameerikaan lammiisheef malee akka kana duraa biyya biraa deemtee qabeenyashee hinmancaastu,
Seeraan alummaan magaalota Ameerikaa keessaa ni hirr’ata,
Weerarri lafa daangaa Meksikoo loltoota Ameerikaan yeroo gabaabaa keessatti nifurama,
Guddummaa fi kabajni waaqaa Ameerikaatti ni mirkanaa’a.
Tolasaa Mabraateetu qindeesse