Dorgommiin ispoortii aadaa Oromiyaa 30ffaan har’a magalaa Shaashamanneetti eegalame

You are currently viewing Dorgommiin ispoortii aadaa Oromiyaa 30ffaan har’a magalaa Shaashamanneetti eegalame

AMN PLUS- Amajjii 18/2017

Dorgommiin ispoortii aadaa maarsaa 30ffaa fi agarsisni aadaa maarsaa 17ffaan sadarkaa Oromiyaa har’a magalaa Shaashamanneetti eegalame

Dorgommichi maata duree ‘Misooma aadaawwanii, sab-danessummaa sochii ispoortii aadaatiin ni dhugoomsina’ jedhuun geggeeffama.

Dorgommiin kun godinaalee 21 fi Bulchiinsota magaalaa 23 kan hirmaachisu yoo ta’u gosoota isportii 10nin ni dorgomama.

Sirna baniinsaa kana irratti kan argaman Deetaan Ministeera Ispoortii fi Aadaa Itoophiyaa Obbo Makkiyyuu Mohammad yeroo hedduu Oromoon aadaa fi eenyummaa isaa waltajjii irratti agarsiisan yoo jirateyyuu bifa ispoortiin hin mul’atu ture jedhan.

Hojiin amma Biiroon Dargaggoo fi Ispoortii oromiyaa hojjechaa jiru garuu eenyummaa walii beeku fi tapha aadaa barsiisuu keessatti ga’een inni ba’achaa jiru kan nama gammachiisudha jedhan.

Mootummaan Federaalaas kessumaa ispoortii aadaa irrattii hojiin hojjechaa jiru bajataa guddaa ramaduun akka haaraattii dadammaqsuuf hojjechaa akka jiru fi Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahmed (Dr) gumachaa leencaa ba’achaa akka jiran eraniru.

Itti aanaan Hogganaa Biiroo Dargaggoo fi Ispoortii Oromiyaa obbo Dassaleny Xilaahun gama isaanin kayyoon dorgommi ispoortii aadaa inni guddaan walitti dhufeenya godinaale fi aadaa fi duudhaa isaanii wal barsisuuf ta’uu himan.

Dorgommiin Kun guyyoota 10 itti aananiif kan adeemsifamu ta’a jedhameera.

Raabbirraa Hirphaatu gabaasee

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply