AMN- Sadaasa 11, 2017
Finfinneen magaalaa magaalummaafi guddina diinagdee saffisaa galmeessaa jirtu ta’uu Dhaabbanni ‘The Economist Intelligence Unit’ ifoomse.
Dhaabbatichi saffisa magaalummaa magaalota Afriikaa ilaaluun raaga bara 2035 kenneera.
Akka dhaabbatichaatti Finfinneen bara 2023 sadarkaa 12ffaa turte irraa, bara 2035 gara sadarkaa 6ffaatti akka ol dhuftu himeera.
Waggoota 12 itti aananitti guddina %10 galmeessisuun magaalaa saffisaan guddattu jalqabaa jedhamteetti.