AMN PLUS Guraandhala 10, 2017
Magaalaan Finfinnee Yaa’ii Gamtaa Afriikaa milkiin keessummeessuun yaa’iiwwan idil-addunyaa gurguddoo qopheessuuf gahumsa olaanaa akka qabdu irra deebiin mirkaneessuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.
Deetaan Ministiraa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Tasfahuun Goobazaayi ibsa kennaniin yaa’ichi karaa baayyeen milkaa’aa akka ture himaniiru.

Yaa’icha akka carraatti fayyadamuun iddoolee hawwata tuurizimii beeksisuun hojiiwwan hedduun hojjetamuu ibsan.
Bulchiinsi magaalaa Finfinnee gara fuula duraatti yaa’ii idil-addunyaa qopheessuu qophii gahaa qabaachuu agarsiisuus dubbataniiru.
Jiraattonni magaalichaa yaa’ichi jalqabee hanga xumuramutti karaa aadaa keessummaa simachuu fi naamusa gaarii Itoophiyaanotaa mul’iseen simannaan keessummootaaf taasisan kan galateeffatamu ta’uu ibsaniiru.
Itoophiyaan Yaa’ii BRICS dabalatee yaa’iiwwan gurguddoo addunyaa qopheessuuf carraa bal’aa qabdi.