Finfinneetti lammiileen kuma 20 leenjii Itiyoo-koodarsii xumuruun gahoomaniiru

You are currently viewing Finfinneetti lammiileen kuma 20 leenjii Itiyoo-koodarsii xumuruun gahoomaniiru

AMN PLUS- Amajjii 20/2017

Magaalaa Finfinneetti lammiilee kuma 20 sagantaa Itiyoo-koodarsiin leenji’uun gahoomuu Biiroon Misooma Innooveeshiniifi Tekinooloojii Magaalaa Finfinnee beeksise.

Biirichi raawwii hojii kurmaana 2ffaa bara 2017 gamaaggamaa jira.

Biirichi tajaajilli magaalaa Finfinnee teekinooloojiin kan deeggarame akka ta’u fi lammiileenis sadarkaa teekinooloojiin hubannoofi dandeettiin isaanii akka guddatuuf kan hojechaa jiraachu himameera.

Lammiileen kuma 100fi kuma 10 ol sagantaa Itiyoo- koodarsiin leenji’aa kan jiran yoo ta’u kanneen keessaa lammiileen kuma 20 leenjii xumuruun gahoomuun himameera.

Gama biraatiin magaalichatti waajjiraaleen afur teekinooloojiin akka deeggaraman taasifamuus gabaasa dhihaate irratti ibsameera.

Itsagannat Damisseetu gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply