AMN PLUS- Amajjii 20/2017
Jijjiiramaan booda fooyyessi imaammataa hojiirra oole kufaatii diinagdee baraaruu danda’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsan.
Jijjiiramaan dura hojmaanni Diinagdee sirnaan hogganamuu dhabuun rakkoo hamaa keesaa akka turu godheera jedhan.
Haalli galii fi dhiibbaan idaa biyyattiirra ture akkasumas Sirni faayinaansii biyyattii haala gaarii keessa akka hin turre kaasaniiru.
Yaa ta’utii jijjiiramaan booda fooyyessi diinagdee taasifame rakkoolee dandamachuun guddina itti fufiinsa qaban galmeessuun danda’amuu himaniiru.
Diinagdee fayya qabeessa ijaaruun kufaatiirraa baraarera jedhan.
Fooyyessichi sharafa alaa olaanaa argamsiisuun diinagdee tasgabbeessuu keessati qooda olaanaa bahachuu dubbataniiru.
Diinagdeen Itoophiyaa qormaatilee mudatan hunda dandamachuun guddina itti fufiinsa qabu galmeessaa jiraachuu eeraniiru.