Foramiin magaalotaa 10ffaan mootummaa naannoo Affaar magaalaa Samaraa Loogiyaatti akka gaggeeffamu Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa beeksisera.
“Guddinni magaalaa olka’iinsa Itoophiyaaf” mata duree jedhuun kan gaggeeffamu fooramii kanaan magaaloti 150 ol kan hirmaatan ta’uu Ministirri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Aadde Caaltuu Saanii beeksisan.
Foramichi magaalota wal beeksisuu irratti gahee olaanaa akka qabu eeranii kanaanis fayyadamummaa magaalotaa mirkaneessuun akka danda’amu ibsaniiru.
Hojiin misoomaa magaalotatti gaggeeffamu ariifachiisuu fi magaalota jijjiiraman baballisuuf foramiichi gahee olaanaa akka qabu Aadde Caaltuun dubbataniiru.
Foramiin magaalotaa 10ffaan Sadaasa 6/2018 hanga sadaasa 10/2018 guyyoota 5f Naannoo Affaar Magaalaa Samaraa Loogiyaatti gaggeeffama.