Gandi Benunaa turizimii fi misooma qonnaa walitti kan qabate fi turistootaaf bakka hawwataadha – Ambaasaaddar Soofi Froomi Emesbarg

AMN – Sadaasa 2/2017

Gandi Benunaa turizimii fi misooma qonnaa walitti kan qabate fi turistootaaf bakka hawwataadha akka ta’e Gamtaa Awurooppatti Ambaasaaddar Soofi Froomi Emesbarg himan.

Gandi Benuna qarqara Haroo Besaqaatti kan argamu yoo ta’u kutaalee ciisichaa ammayyaa, galma konfiraansii, Sinimaa, wiirtuu bashananaa, ispaa, akkasumas maasii midhaanii fi hambaa leemati qaba.

Ijaarsi ganda kanaas Arkiteekcharii ijaarsa aadaa ammayyaa waliin walitti makuun hawaasa naannoo sanaaf hawwata turizimii guddisuuf dandeettii dabalataa turizimii kan uumu jedhameera.

MM Dooktar Abiy Ahimad eebba ganda kana irratti ergaa dabarsaniin, gandaii Benunaa bakka yaadni ni danda’am jedhu itti dhugoome ta’uu ibsaaniiru.

Sagantaa eebbaa kanarratti kan argaman Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Gamtaa Awurooppaa kan taata’an Soofi Froomi-Emesbarg, naannoon kun iddoo qabeenya namtolchee fi uumamaa waltti makuun bakka ajaa’ibaa ta’uu ibsaniiru.

Gandi Benunaa oomisha kuduraa fi muduraan misoomu dabalatee, mul’ata galmoota misooma itti fufiinsa qabuu ta’ee akka ilaalamu ibsaniiru.

Haalli qilleensaa ganda Benunaas sochii turizimiidhaaf mijataa ta’uu ibsaniiru.

Gandichi misooma burtukaana, loomii, paapaayaa fi maangoo, akkasumas misooma horsiisa hanqaaquu, gaala, loon fi re’ee itti horsiisan ta’uu bira darbee bakka bashannanaa, misooma kuduraa fi muduraa walitti hidhuun barnootni itti fudhatamuu danda’u ta’uun ibsamee jira.

Ganda Benunaa kan tumsa mootummaa Ityoophiyaa, dhaabbata dhuunfaa fi gargaarsa mootummaa Yunaayitid Arab Emireetiin ijaaramee eebbifame hoteellii Iskaayilaayitii jalatti kan hogganamuu ta’uu isaa odeeffannoon TOI irra argame ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply