AMN- Muddee 7/2017
Godina Booranaa Bahaatti Miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo karaa nagaan galaniif simaannaan tasifameera.
Godina Booranaa Bahaatti Miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo karaa nagaan galanif jaarsoliin biyyaa, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqeefi hawaasni bal’aan Miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo galaa jiraniif simannaa ho’aa taasifameera.
Odeeffannoon Kominikeeshinii Godinicharraa argame akka mul’isutti Miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo kara nagaan galanif Magaala Nageellee Booranaatti simannaan taasifameera.
Waamicha uummataa, walii galtee Waraana Bilisummaa Oromoo fi Mootummaa gidduutti mallattaa’e bu’uura godhachuun miseensonni Waraana Bilisummaa Oromoo bosona turan nagaan gala jiru.