Guyyaan Nageenya Daandii Afriikaa Sadaasa 07 Bara 2018 Finfinnee Galma Yaadannoo Adawaatti akka kabajamu ibsameera.
Sagantaan kun innisheetiivii Gamtaa Afiriikaa (AU) jalatti kan argamu yoo ta’u Ministeera Daandii fi loojIstiksii FDRI, Tajaajila Fandii Nageenya Daandii fi Dhaabbata mootummoota Gamtoomaniitti Komishinii Diinagdee Afriikaa ( ECA) waliin ta’uun qophaa’uun isaa ibsameera.
Gamtaan Afriikaa ALAtti Bara 2012 guyyichi wagga waggaadhaan akka kabajamu murtoo kan dabarse yoo ta’u, miidhamtoota balaa tiraafikaa yaadachuun kan kabajamu akka ta’e beekameera.
Afriikaan balaa tiraafiikaa gurguddoo akka keessummeessitu Gamtaan Afriikaa beeksiseera.
Konkolaattota addunyaa keessaa % 25 hin caalle ardiinitti argamu Afriikaan balaa tiraafikaa %25 ol keessummeessuu ishee gamtichi ibseera.
Innisheetiiviin Nageenya Daandii Afriikaa sirna to’annoo cimsuu fi biyyootni miseensaa balaa tiraafikaa akka waliin ittisaniif qajeeltoo qopheessuun hojjataa jiraachuu beeksisuu isaa odeeffanoon Gamtaa Afrikaa irraa argame ni mul’isa.