AMN – Sadaasa 6/2017
Hidhattoonni Paartii Dimokraatawa Federaalawaa Affaar meeshaa waraanaa isaanii Mootummaa Naannoo Affaariitti dabarsanii kennuun nagaa fi misooma naannichaaf waliin hojjechuuf waliigalteeera gahaniiru.
Sirna simannaa magaalaa Aba’aalatti geggeeffame irratti preezidaantiin mootummaa naannoo Affaar Obbo Awwal Arbaa dargaggoota karaa nagaan meeshaa waraanaa dabarsanii kennuuf gara naannichaa dhufaniif ergaa baga nagaan dhuftanii dabarsuun nagaan hundee waan hundaa ta’uu isaa dubbataniiru.
Akkasumas hidhatooni kunneen karaa nagaa filachuun isaanii nagaa naanichaa irra darbee nagaa guutuu biyyatii mirkaneessuu keessatti shoora ol-aaanaa akka qabu ibsaniiru isaanii odeeffanoon toora marsaa hawaasaa Raayyaa Ittisa Biyyaa irraa argame ni mul’isa.