Hidhi Haaromsaa Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Cimsa- Ambaasaaddara Jarmanii

You are currently viewing Hidhi Haaromsaa Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Cimsa- Ambaasaaddara Jarmanii

‎AMN PLUS – Fulbaana 2/2018

‎Xumuramuun Hidhi Haaromsaa guddina Itoophiyaa saffisiisuu irra darbee gahumsa walitti hidhamiinsa naannawaa cimsuu akka qabu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Jarmanii Fardinaand Foonvaahee (Dr.) ibsan.

‎Itoophiyaan biyya invastimaantii alaaf mijattuu tahuu ishees himaniiru.

‎Ambaasaaddarichi, biyyootni olaa yoo tumsa isaanii cimsan haalaan irraa fayyadamuu akka danda’an akeekan.

‎Hidhni kun tumsa lammiilee Itoophiyaan galma gahuu isaa eeruun, xumuramee eebbaaf qaqqabuun isaa boonsaafi gammachiisaa akka ta’e ambaasaaddarichi dubbataniiru.

‎Itoophiyaan lakkisa kaarbonii hir’isuufi anniisaa haaromfamaa babal’isuuf hojiileen hojjataman arguu isaanii ibsuun Itoophiyaafi Jarmaniinis anniisaa haaromfamaafi kanneen biroo irratti waliin qorannoofi qo’annoo adeemsisaa akka jiran himaniiru.

‎Dabalataanis, Itoophiyaan Invastimantii babal’isuuf seera dandeessisu, humna nanaa danuufi haalotni dandeessisan biroo jiraachuu ibsuu isaanii gabaafameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply