Hojii misooma kooridarii Magala Finfinnetti gaggeefameen lamilee kuma 70 ol ta’an carraa hojii aragatan- Obbo Xiraatuu Bayyanaa

You are currently viewing Hojii misooma kooridarii Magala Finfinnetti gaggeefameen lamilee kuma 70 ol ta’an carraa hojii aragatan- Obbo Xiraatuu Bayyanaa

AMN PLUS- Guraandhala 12/2017

Bara bajata walakaa kana hojii misooma kooridarii Magaalaa Finfinneetti marsaa 1ffaa fi lammaffaan gaggeeffameen lamilee kuma 70 ol ta’an carraa hojii argachuu isaanii sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Finfinneetti Itti Gaafatamaan Biiroo Hojii fi Ogummaa Obbo Xiraatuu Bayyanaa himan.

Baatiiwwan jaha darban lamiilee kuma 142 fi 908 carraa hojii dhaabbata akka magaalaatti kan uumamef ta’uu obbo Xiraatuun dubbataniiru.

Gama hojii uumuutiin xiyyeeffanaa dargaggootaaf taasifameen kanneen carraa hojii argatan keessaa dhiibbentaan 70 dagaggoota akka ta’an obbo Xiraatuun himaniiru.

Kanaan dura hojii dhabeeyiin kan galmaa’an maanuwaaliin kan ture, bara kan kaasee sirana teeknoolojii fi ashaaraan dabalatee fayyadamuun kallattiin akka galmaa’an taasisuun rakkoo raga qabannaa ture furuun akka danda’amee Itti Gaafatamn kun ibsaniiru.

Hojiin kooridarii aadaa hojii kan jijjiree ta’uu kan dubbatan obbo Xiraatuun kunis dargaggota keessatti kaka’umsaa hojii dabaluun hojii osoo hin filiin 24/7 hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Tolasaa Mabraateetu gabasee

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply