AMN- Amajjii 8/2017
Hojiin ijaarsaa waajjiralee, naannoo hojiif mijataa ta’e uumuu fi kan yeroo ammaa keessa jirru kan madaalu ta’uu akka qaba Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adde Adaanech Abeebee eeraniiru.
Kantiibaa Adaanech gamoo bulchiinsa kutaa Magaalaa Lidataa abbaa darbii 13 qabu eebbisaniiru.
Gamoon kun naannoo hojiif mijataa ta’e uumuu, tajaajilli naannoo adda addaatti kennamaa ture gara giddugala tokkootti kan fiduu, qaama miidhamtootaafis mijataa kan ta’ee fi dadhabbii keniinsa tajaajila maamiltoota mudatau kan hir’isu fi kaayyoo Magaalaa Ismaartii uumuu galmaan gahuuf qooda guddaa qaba jedhaniiru.
Gamoon kun kutaalee 120, galma walgahii lama kan qabuu yoo ta’u tokkoon tokkoo isaa namoota 1500 fi 500 keessummeessuu danda’u. Akkasumas bakka konkolaataa dhaabuu gahaa, jiimnaaziyeemii, oolmaa daa’immanii fi bakka taphaa fi mijaa’ina biro ofkeessa akka qabu himaniiru.
Kantiibaa Adaanach fuula marsaa hawaasaa isaaniitiin, “gamoon kun waadaa ummata keenyaaf gallee qulqullinaan ijaarree kan xumurre yoo ta’u, kana dura kiraa birooleef baasnu hambisuun qisaasama hir’isuun misoomaa biraaf akka baasnu nu dandeesiseera” jedhaniruu.