AMN- Sadaasa 18/2017
Ijaarsi Buufata Konkolaataa Qindaa’aa Magaalaa Naqamtee %93’rraa ga’uun ibsame.
Sadarkaan ijaarsa buufatichaa Ogeeyyii Biiroo Daandii fi Lojistiksii Oromiyaa fi Abbaa Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaatiin daawwatameera..
Hojiin ijaarsa buufatichaa Bara 2012 kan jalqabee fi ji’oota 18 keessatti xumuramuuf karoorfame hojjetamaa turus yeroo qabame keessatti xumuruun akka hindanda’amne eerameera.
Haaluma kanaan yeroo ammaa sadarkaan ijaarsa isaa %93 irraa ga’uun ibsameera.
Baatii Muddee gara jalqaba xumuramuun tajaajila kennuu akka danda’us kan himame buufatichi, baajata Birrii miliyoona 300 fi miiliyoona 17’n kan hojjetamaa jiruudha.
Buufatinni Konkolaataa Qindaa’aan Magaalaa Naqamtee, wayitaa xumuramu yeroo tokkotti konkolaattota 200 dhaabuu akka danda’uu fi imaltoota kuma 10 ol guyyaatti keessummeessa jedhamuu FBC gabaase.