AMN- Mudde 03/2017
Mariin kun dhamaatii marsaa sadii gaafateera. Dhumarratti Ministirri Muummee Abiyyi Ahimadiifi Pirezidaantiin Somaaliyaa Sheek Hasan Mohaammad Turkiyee Ankaaraatti harka wal fuudhaniiru. Jaarsummaa Pirezidaant Resiip Xayyib Erdoohaaniin milkiin goolabame.
Taateen kun erga dhagahamee booda miidiyaaleen addunyaa ijoo dubbii godhataniiru.
Gam-tokkoon siyaasaafi nageenya Gaanfa Afriikaaf shoora qabuun, gama biraan ammoo hirmaannaa Itoophiyaan siyaas-diinagdee addunyaa keessatti taphachuu eegaltetu ija miidiyaalee harkise.
Miidiyaalee gabaasa kana qabatanii bahan keessaa Aljaziiraan isa tokko. “Itoophiyaafi Somaaliyaan muddama ture qabbaneessuuf waliigalteerra gahan” mata duree jedhu kenneef.
Sagaleen Amerikaa VOA’n ammoo “Itoophiyaafi Somaaliyaan waldhabdeesaanii furuuf waliigalan” jedhe.
France 24 gama isaan jecha Erdoohaan wabii godhachuun “Waliigaltee seena qabeessa” jedhee ibse.
Anadoluun akkasuma “Itoophiyaafi Somaaliyaa gidduutti tumsi fi nageenyi gaariin akka jiraatuuf waliigalteen kun tarkaanfii jalqabaati” jedhe.
Tagany Bafiqaaduutiin