
AMN Sadaasa 05/2017
Dhaabbata Itiyoo-Injinariingitti Industirii Oomisha Awutomootivii Bishooftuu konkolaattota Pick Up N-7 jedhaman 100 qindeessuun
Tajaajila Bittaa Mootummaa Federaalaaf dabarse.
Sirna walhaarkaa fuudhiinsaa kana irratti kan argaman Hoji Gaggeessaa ol’aanaan Dhaabbata Itiyoo-Injinariingii Bishooftuu Ambassadar Sulemaan Daddafoo dhaabbatichi dhiyeenyatti Otoobisii deddeebisa uummataa 200 kan dabarsu ta’uu himan.

Tajaajila Bittaa Mootummaatti Itti aanaa Daarektarru Bittaa fi Waliigaltee obbo Kiflee Gabramaariyaam konkolaattoonni kunneen ammayyaawoo fi hanqinoota konkolaattootaan walqabatanii turan ni fura jennee abdanna jedhaniiru.
Konkolaattonni Kunneen baasii birrii biiloyoona tokko ta’uun akka bitamanis eerameera.
Misikkir Alamaayyootu gabaase