AMN – Muddee 30/2017
Inistiitiyuutiin Artefishaal Intelejensii Itoophiyaa meeshaa bu’aa elektirookaardiyoogiraafii (ECG) dubbisuun dhukkuba onnee adda baasuu danda’u qopheesuu beeksiseera.
Inistiitiyuutichatti ogeessa ogeessa fayyaa kan ta’an Doktar Taarikuu Fiqaaduu akka himanitti, meeshaan kun bakka ogeeyyiin onnee hin jirretti dha’annaa onnee karaa sammuu namtolcheen dubbisuu kan danda’uudha.
Inistiitiyuutiin Artefishaal Intelejensii Itoophiyaa beekumsa ogeeyyii onnee magaalotaa fi hospitaalota qofa keessatti argamu hawaasaa buufataalee fayyaa baadiyyaatti argamaniif akka qaqabu taasisuu beeksiseera.
Elektirookaardiyoogiraamiin (ECG) meeshaa sochii onnee waraqaa irratti agarsiisu yoo ta’u, bakka hundatti ogeessi onnee yoo hin jiraannellee, moodeela sammuu namtolchee sakatta’u kan dubbisu misoomuu Doktar Taarikuun beeksisaniiru.
Sirni kun bu’aa ECG sekondii muraasa keessatti dubbisuu ni danda’a.
Akka gabaasa ‘World Health Observatory’ jedhutti addunyaa guutuutti namoonni miliyoona 20.5 ol dhukkuba onneetiin du’u.
Kunis nama ajjeessuun dhukkuboota daddarboo hin taane keessaa sadarkaa tokkooffaa isa taasisa.
Dhukkubni kun waggoota 20 darban keessatti haalaan dabaluudhaan bara 1990tti Miliyoona 271 kan ture bara 2019tti miiliyoona 523tti ol guddateera.
Biyya keenya dabalatee biyyoota guddachaa jiran keessatti tamsa’inni dhibee kanaa ol’aanaa ta’uutu himama.
Biyya keenyatti namoota hospitaala seenan sadii keessaa tokko dhukkubsataa onneeti.
Dhibeen kun biyyaa fi hawaasa irrattis rakkoo hawaasummaa fi diinagdee hedduu fidaa jira.
Akka Dr. Taarikuun jedhanitti dhukkubni onnee yeroo dheeraaf mallattoo hin agarsiisu.
Sababa kanaan dhukkubsatoonni rakkoo diinagdee fi hawaasummaa hedduudhaaf saaxilaman gara dhaabbata fayyaa yeroo dhaqanitti wal’aansa walxaxaa akka taasisu himaniiru.
Meeshaan amma qophaa’e kun yeroo ogeessaa qusachuu qofa osoo hin taane, sirrii ta’uun bu’aa qorannoo kanaa baay’ee guddaa akka ta’es eeraniiru.
Institiyuutich kun sirna kana qopheessuuf daataa hedduun akka fayyadamames Doktar Taarikuun himaniiru.
Hojiin kun yaaliiwwan hedduu keessa kan darbee fi xumuramuuf gara waggaa sadii kan fudhate ta’uus ibsani.
Sirni kun rakkoolee bu’uuraalee yaalaa waliin walqabatan furuuf qooda akka qabu odeeffannoon inistiitiyuuticharraa argame ni mul’isa.
Tolasaa Mabraateetu gabaase