Iraan Israa’eel irratti tarkaanfii haleellaa diroonii 100 ol fudhachuu beeksiste

You are currently viewing Iraan Israa’eel irratti tarkaanfii haleellaa diroonii 100 ol fudhachuu beeksiste

AMN PLUS Waxabajjii 06/2017

Haleellaa qilleensarraa Israa’eel Iraan irratti raawwatte hordofee haalli nageenya naannichaa gara sadarkaa walxaxaatti ce’aa jiraachuu miidiyaaleen addunyaa gabaasaa jiru.

Dhaabbileen miidiyaa Iraan tarkaanfii Israa’eel irratti fudhatteen gamoowwan manneen jireenyaa miidhamuu himan. Daa’imman dabalatee lubbuun lammiilee nagaa darbuus akkuma kana.

Iraanis tarkaanfii irratti fudhatame haaloo ba’uuf tarkaanfii diroonii 100 fudhachuunshee gabaafameera.

Israa’eel yaaddoo nageenyaarraa ka’uun labsii yeroo ariifachiisaa labsuushee BBC’n gabaaseera.

Tarkaanfii Israa’eel fudhatte hordofee Ameerikaan harka keessaa qabdi jechuun Iraan himattus Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Maarkoo Ruubiyoo Ameerikaan harka keessaa hin qabdu jechuun hubachiisaniiru.

Hawaasni addunyaas haleellaa biyyoonni lamaan walirratti fudhataa jiran hordofuun yaada kennaa kan jiran yoo ta’u Awustiraaliyaan haalli naannichaa waraana babal’isuu danda’a jetteetti.

Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii gama isaatiin qaamoleen lamaan dubbicha babal’isuufi mokrii hin malle keessa galuurraa of qusachuu qabu jechuun hubachiiseera.

Wandimmaagany Asaffaa

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply