AMN Onkololeessa 9, 2017
Dhaabbanni basaasaa US Israa’el Iraan irratti haleellaa banuuf karoorsuushee dookumentiin qindeesse miliqee bahuun dhagahame.
Iccitii biyyaalessaa kan jedhame odeeffannoon kun miliqee bahuunsaa hoggantoota Amerikaa akka malee yaaddessuu himameera.
Odeeffannoon kun Onkoloolessa 15fi 16 fuula Teelegiraamii “Middle East Spectator” jedhamuun erga maxxanfamee booda marsaalee hawaasaa gara garaarratti mul’ateera.
Odeeffannichi Israa’eliifi US’n ala biyyoota akka Awustiraaliyaa, Kaanaadaa, UK fi Niwuzilaandiin ala qaama biraan beekamuu akka hin qabne eegama ture.
Akka odeeffannoo miliqee bahe kanaatti, Israa’eel haleellaa Iraan irratti raawwattuuf shaakala addaa taasisuun xumurteetti.