Itoophiyaa fi Azarbaajaan tumsa gar-lamee isaanii cimsuuf sadarkaa ministirootaatti komishinii waloo hundeessuuf waliigalan

AMN – Sadaasa 20/2017

Itoophiyaa fi Azarbaajaan tumsa gar-lamee cimsuuf haala isaan dandeessisu uumuuf sadarkaa ministirootaatti komishinii waloo hundeessuuf waliigalteerra ga’aniiru.

Waajjira Ministira Muummeetti Deetaa Ministeeraa Dhimma Kaabinee fi To’annoo Seektaraa kan ta’an Obbo Akliiluu Taaddasaa Ministira Dhimma Diinagdee Azarbaajaan kan ta’an Miikeel Jabaroov waliin Baakuutti mari’ataniiru.

Marichi kan kaayyeffate walta’iinsa biyyoota lamaanii dameewwan ijoo adda addaa kanneen akka daldalaa, invastimantii fi filannoowwan anniisaa magariisaa dabalatee cimsuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.

Walitti dhufeenya biyyoota lamaanii daran cimsuuf bu’uura hojii diriirfamuu kan barbaachisu ta’uutu himame.

Maricharratti qaamoonni lamaan tumsa gar-lamee fi tumsa gam-danuu Itoophiyaa fi Azarbaajaan gidduu jiru cimsuuf kan hojjetan ta’uus akeekaniiru.

Qondaaltonni olaanoo Mootummaa Azarbaajaanii fi hawaasni daldalaa Itoophiyaa akka daawwatan waliin hojjechuuf kutannoo akka qaban agarsiisaniiru.

Biyyoonni lamaan hariiroo daldalaa isaanii cimsuu fi faayidaa waloo isaanii irratti hundaa’uun muuxannoo akka waljijjiiran marii kanarratti ibsameera.

Kana malees, walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuuf sadarkaa ministirootaatti komishinii waloo hundeessuuf waliigaluu isaanii odeeffannoon marsaa hawaasummaa Eembaasii Itoophiyaa Ankaaraatti argamu irraa arganne ni mul’isa.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply