AMN Onkololeessa 9, 2017
Itoophiyaan biyyoota miseensa BRICS waliin dameewwan garaagaraan tumsa diingdee qabdu cimsitee itti fufuuf kutannoon hojjechuuf qophii ta’uu Jaappaanitti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Dhaabaa Dabaleen ibsan.
Ambaasaddar Dhaabaa Dabaleen Jaappaanitti Amabaasaddar Raashiyaa Nikoolaay Istaanislavoviich Noozdireviin waliin mari’ataniiru.
Hariiroon Itoophiyaan Raashiyaa waliin gama dippilomaasiin qabdu yeroo dheeraa lakkoofsisee ta’uu Ambaasaaddar Dhaabaa Dabaleen himaniiru.Itoophiyaan Raashiyaa dabalatee biyyoota miseensa BRICS waliin tumsa diinagdee qabdu cimsuufis qophii ta’uus eeran.
Ejjennoon Itoophiyaan walta’iinsa gama fayyaa, barnoota, saayinsii, qonna, daldala, teeknooloojii, inarjii fi jijjiirama qilleensaa irratti qabdu ilaalchisuun ibsa taasisaniiru.
Nikoolaay Istaanislavoviich Noozdireviin gama isaaniin biyyoonni lamaan michummaa yeroo dheeraa akka qaban ibsuun, BRICS tumsa jiru daran cimsuuf carraa gaarii akka uumuu ibsuu ragaan Jaappaanitti Embaasii Itoophiyaarraa argame ni mul’isa.