Itoophiyaan uummata Sudaaniif Doolaara miiliyoona 15 gumaachite

You are currently viewing Itoophiyaan uummata Sudaaniif Doolaara miiliyoona 15 gumaachite

AMN PLUS- Guraandhala 7, 2017

Itoophiyaan Nageenyaa fi tasgabbii Sudaaniif tumsa taasiiftu cimsitee kan itti fuftu ta’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad ibsan.

Yaa’iin deeggarsa namoomaa Uummata Sudaaniif dhiyeessuurratti xiyyeeffate Magaalaa Finfinneetti taa’amaa jira.

Yaa’ichi gaga’ama Sudaan dhaabuu, keessattuu wayita sooma Ramadaanaa kana waliigalteen dhukaasa dhaabuu taasiifamuun deeggarsi namoomaa Ummata Sudaaniif akka dhiyaatu dandeessisuuf taa’amaa jiraachuu eerameera.

Itoophiyaa fi Sudaan biyyoota ollaa qofa osoo hin taane biyyoota hidhata cimaa qaban ta’uu Dooktar Abiy Ahimad yaa’icharratti ibsaniiru.

Itpophiyaan wayita rakkoo kana ummata Sudaan cinaa ni dhaabbatti jedhan.

Humna qabduunis deeggarsa namoomaa taasisuu kan itti fuftu ta’uu eeraniiru.

Haaluma kanaan Itoophiyaan Deeggarsa namoomaa Ummata Sudaaniif kan oolu Doolaara miiliyoona 15 tumsa taasisuu himaniiru.

Hawaasni Idil Addunyaa Sudaanitti nageenya waaraa buusuuf, akkasumas humnoonni walwaraanaa jiran garaagartee isaanii mariin akka furatan waamicha dhiyeessaniiru.

Emireetoonni Araba Gamtoomaniis Doolaara miiliyoona 200 deeggarsa taasifteerti.

Barreessaa Olaanaan Mootummoota Gamtoomaa Antooniyoo Guutareez, Sudaanitti nageenya waaressuuf tattaaffii Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiyyi Ahimad taasiisan galateeffataniiru.

Yeroo ammaa Ummanni Sudaan % 64 deeggarsa namoomaa kan barbaadan ta’uu eerameera.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply