Itoophiyaan Yaa’ii COP32 qopheessuufi

You are currently viewing Itoophiyaan Yaa’ii COP32 qopheessuufi

‎AMN PLUS- Sadaasa 2/2018

Itoophiyaan Yaa’ii 32ffaa Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP32) akka qopheessitu filamuu Pirezidaantiin Yaa’ichaa Andree Koriyaa Koo Laagoo ifoomsan.

Yaa’ii 30ffaa Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (COP30) Biraazil, Beelemitti adeemsifamaa jiru irratti Itoophiyaan Naayijeeriyaa waliin dorgomuun filamuu eerameera.

Itoophiyaan yaa’icha akka qopheessituuf biyyoonni yaa’icha irratti hirmaatan sadarkaa qajeeltoon waliigalaniiru, garuu yaa’icha irratti har’a kan ifoomu ta’uu himan.

Yaa’ichi tattaaffii addunyaan jijjiirama qilleensaa qolachuuf taasistuuf milkaa’ina murteessaa biraa uumuun isaa ibsameera.

‎Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Afrikaa Lammaffaa (ACS2) fi tarkaanfiiwwan Itoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf hojii hojjataa jirtu bu’uureffachuun Itoophiyaan filamteetti

Sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltoota biiliyoona 48 ol dhaabuun waltajjii addunyaa irratti fakkeenya boonsaa ta’e agarsiisuun ishee eerameera.

‎Itoophiyaan akkuma jijjiirama qilleensaa ittisuuf hirmaannaa si’ataa qabduun yaa’ii COP32 qopheessuuf gama garee mariisistoota Afrikaa (AGN) tiin xalaayaa galfattee turte.

Kunis milkaa’ee Itoophiyaan injifachuun Reuters gabaaseera. Yaa’ii 31ffaa ammoo Awustiraaliyaafi Turkiyeen qopheessuuf wal dorgomaa jiru.

‎Jilli Itoophiyaa Ministira Karooraa fi Misoomaa Fitsum Assaffaatiin (PhD) durfamu, yaa’ii Kanaan alatti marii adda addaa biyyoota hedduu waliin akka taasisan ibsameera.

‎Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kana irratti biyyoota 190 irraa keessummoonni Kuma 50 ol ni hirmaatu.

Shuumii Badhaasootiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply