AMN PLUS- Amajjii 19, 2017
Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee ajandaalee garaagaraarratti mari’achuun murtoowwan adda addaa dabarsuu Kantiibaan Magaalichaa Aadde Adaanech Abeebeen ibsan.
Kaabineen bulchiinsa Magaalichaa Walga’ii Idilee 6ffaa waggaa 4ffaa gaggeesseen dhimmoota Dippiloomaasii fi Diinagdeerratti mari’ateera.
Gaaffiilee lafa Embaasiiwwanii, carraa hojii uumuu fi iddoo Indaastiriiwwan oomishaa dhiyaataa ture qorachuun murtoo dabarseera.