Kaamaaviingaan umurii 13tti mucaa godhate kan jedhameef maalif haanga ammaa deebi kennuu didee?

AMN – Sadaasa 19/ 2017

Eduwaardoo Kaamaaviingaan umriisaa ganna 13tti ilma godhate jedhamuun yeroo dheeraaf marsaalee hawaasaarra naanna’aa tureera.

Taphataan lammii Firaansi kun maatii hidda dhiigaa Afriikaa irraa kan dhalate yoo ta’u taphataa murtessaa kilabaa guddichaa Ispeen Riyaal Maadriid ta’uuf danda’eera.

Garee biyyaalessaa Firaansiif sararaa gidduu isaanii utubaa ta’ee tajajilaas jira.

Miidiyaleen gurguddoo hedduun Kaamaavingaan umurii waggaa 13tti ilma godhateera jedhanii kan dubbataniif deebii osoo hin kennin tureera.

Inumaayyuu marsariitii haawaasaa innii itti fayyadamu kannen akka tiktokii fi Instagramii irrattii viidiyoowwan da’ima kana waliin gadi dhisuun obbolessaa koo moo ilmaa kootii jechuun gaffii yeroo gafatuu ni mul’ata.

Callisuu Kamavingaa kan hubatan maatiin isaa mucaan marsaritii hawasaa irrrattii ilma isaati jedhamee nanna’aa ture kun obbolessaa akkaa ta’ee ifoomsaniiru.

Kamavingaan obbolaa 5 kan qabu yoo ta’u 2 obololaa dhiraati.

Rabbiiraa Hirphatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply