Kantiibaa Adaanech Abeebee agarsiisa Ogummaa Teekniikaafi Teeknoloojii banan

You are currently viewing Kantiibaa Adaanech Abeebee agarsiisa Ogummaa Teekniikaafi Teeknoloojii banan

AMN PLUS Waxabajjii 07/2017

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee agarsiisa Ogummaa Teekniikaafi Teeknoloojii banuu himan.

Kantiibaa Adaanech ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Itoophiyaan kan badhaatu humna namaafi qabeenya uumamaa qabdu qindeessitee yoo misoomsuu dandeesseedha jedhan. Hojiiwwan ejjennoo kanaan hojjechaa jirrus badhaadhinaaf bu’uura kaa’aa jira jedhan.

Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gahee dhaabbileen Teekniikaafi Ogummaa badhaadhina biyyaa keessatti qaban sirnaan hubachuusaarraa kan ka’e damee kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechuusaatiin bu’aa jajjabeessaan galmaa’uu eegaleera jedhan.

Hojiiwwan misoomaa magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiran keessattis dhaabbileen teekniikaafi ogummaa hirmaachaa jiraachuu himan. Galeewwan qulqullina qaban dhiheessuurraa kaasee humna namaa gahumsa qabu horachuun hojiiwwan hedduurratti ashaaraasaanii kaa’uu eegaluun isaanii badhaadhinni biyyaa kan milkaa’u lammiilee Itoophiyaa teeknolojii maddisiisaniin akka ta’e agarsiiftuu guddaadha jedhan.

Leenjifamtoota, leenjistoota, ogeeyyiifi hooggansa hojiiwwan teeknolojii har’a agarsiisaaf dhihaatan irratti qoodasaanii bahatanis galateeffataniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply