Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen bulchiinsi Magaalaa Finfinnee karoorrawwan biyyaalessaa milkeessuuf kutannoon hojjechuu itti fufa jedhan.
Aadde Adaanech Abeebeen leenjii mata duree “ Ilaalacha Mootummaa Ida’amuun Milkaa’ina Dameelee” jedhuun hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaaf kenname hojiirra oolchuun haala danda’amurratti hoggantoota olaanoo bulchiinsa magaalichaa waliin mar’ataniiru.
Maricha ilaalchisee ergaa dabarsaniin, galmoota akka bulchiinsa magaalichaatti qabaman milkeessuuf kutannoo hoggansaan, qajeeltoo kalaqaafi ariitiin hojjechuuf karoora xixiqqaan qooduun kan waloo taasifneerra jedhan.

Galmoonni ijoon adda bahanis galmee waraqaa eenyummeessaa biyyaalessaa, leenjii koodaroota miiliyoona 5, piroojektoota misooma kooriidariifi qarqara lagaa eegalaman itti fufsiisuu, filannoof haala mijataa uumuu fi riifoormii siiviil sarvisii guutummaatti milkeessuu akka ta’e eeraniiru.
Dabalataanis qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu, hanna, matta’aafi hojimaata badaa dhabamsiisuu, lagaafi naannawaan walharkisuufi hojjechuu hir’isuu, gargaaramtummaafi kadhaa hambisuu akkasumas weerara lafaa seeraan alaa ittisuun kallattiiwwan fuula duraa ta’uu ibsaniiru.
Kontiroobaandiifi daldala seeraan alaa ittisuufi sosochiiwwan badiisaa haala nageenyaa jeeqan guutummaatti hambisuun toora xiyyeeffannoo galmoota gurguddoo ta’uun kan raawwataman ta’uus eeraniiru.
Galmoota kanneen milkeessuuf akkuma yeroo maraa dhalootaafi dhaabbata ijaaruun bulchiinsi magaalichaa kutannoon kan hojjetu ta’uu mirkaneessaniiru.