Keeniyaatti Bulchaa Bulchiinsa Mombaasaa Abdulsimawaad Shariif Naasiriifi jila isaanii baga gara magaalaa Finfinneetti nagaan dhufan jechuun simanneerra jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee

You are currently viewing Keeniyaatti Bulchaa Bulchiinsa Mombaasaa Abdulsimawaad Shariif Naasiriifi jila isaanii baga gara magaalaa Finfinneetti nagaan dhufan jechuun simanneerra jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee

AMN PLUS Caamsaa 11/2017

Kantiibaam Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebee ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin Keeniyaatti Bulchaa Bulchiinsa Mombaasaa Abdulsimawaad Shariif Naasiriifi jila isaanii baga gara magaalaa Finfinneetti nagaan dhufan jechuun simanneerra jedhan.

Turtii keenyaan Finfinneen daa’imman guddisuun Magaalaa mijattuu Afriikaa gochuuf milkaa’inoota gama sagantaa Lijinat Qadaamaayiin argaman akkasumas hojiiwwan misooma magaalaa akka muuxannootti fudhatamuu qaban jila kanaaf dhiheessineerraa jedhan.

Bulchaan Mombaasaa Abdulsimawaad Shariif Naasir magaalaan Finfinnee magaalaa hawwattuufi fakkeenya magaala qindaawaa taatee akka eeramtu ibsaniiru.

Miseensonni jila kanaa turtiisaanii guyyoota afuriitiin hojiiwwan gama sagantaa Lijinnat Qadaamaayi, dhiheessiifi bulchiinsa bishaan dhugaatii, sirna dhabamsiisa balfa gogaa akkasumas misooma kooridariifi milkaa’inoota tiraanisfoormeshinii magaalaa irratti argaman daawwachuun muuxannoo kan qooddatan ta’uu himaniiru.

Itoophiyaafi uummatashee waaqni haa eebbisu jechuun Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa dabarsaniiru.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply