Kiim Joong Uun taphoonni Pirimeerliigii Ingilaandi akka tamsa’aniif eeyyama kennan

You are currently viewing Kiim Joong Uun taphoonni Pirimeerliigii Ingilaandi akka tamsa’aniif eeyyama kennan

AMN Plus- Sadaasa 4/2018

Pirezdaantiin Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun taphoonni Pirimeerliigii Ingilaandi Kooriyaa Kaabaa keessatti akka hin tamsaneef dhoorkaa kaa’anii turan kaasan.

Keessumaa Kilaboonni taphattoonni Kooriyaa Kibbaa biyyattii keessa jiran daawwatuun akka du’aa of kennuutti ilaalama.

Addunyaarra bulchiinsaa Abbaa irree cimaa jedhamuun biyyoota Lixaa hedduu biraatti kan ilaalaman Kiim Joong Uun taphoonni Pirimeerliigii Ingilaandi Kooriyaa Kaabaatti akka tamsa’aniif eeyyaman kennaniiru.

Ilaalcha biyyoota Lixaa hadheeffatanii balaaleefachuun kan beekaman Pirezdaantiin Kooriyaa Kaabaa Misaayila dhukaasuu jaalatan Kiim Joong Uun, taphoonni kunneen tamsaasa Kallattiin osoo hin taane, Viidiyoofi barreeffamoonni garagaraa erga gulaalaman gara daqiiqaa 60tti siqe booda guutuu biyyattiitti akka daawwatan eeyyama kennaniiru.

Qondaaltichi eeyyama haa kennan malee Masaanuu biyyattii kan taate taphattoonni Kooriyaa Kibbaa Foodda Televiziyoona biyyattiin akka hin daawwatamne akeekkachiisaniiru.

Namoomsaa Baalliitiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply