Komishiniin Marii Biyyaalessaa dhiibba uumtota naannoo Oromiyaa waliin mari’ataa jira

AMN- Muddee 12/2017

‎Waliigaltee biyyaalessaa uumuu keessatti ga’een namoota beekamoofi dhiibbaa uumtootaa olaanaa ta’uu Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.

‎Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Naannoo Oromiyaatti Waltajjii ajandaa marii walitti qabuu namoota beekamoofi dhiibbaa uumtoota hirmaachise Magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jira.

‎Komishinarri Itti aantun Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Aadde Hiruut Gabrasillaasee, namni beekamaan beekadha, beekan ammoo beekumsaa isaan biyya ijaara jedhan.

‎Kanumaarraa ka’uun, hirmaattoonni kunneen, dhimmoota madda rakkoo biyyaa ta’an adda baasuun, furmaata akka argatan taasisuun ga’ee isaanii akka ba’atan Aadde Hiruut gaafataniiru.

‎Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Dr. Ambaayee Ogaatoo, hayyoonni maricharratti hirmaatan ajandaalee biyya ijaaran, ceesisaniifi walii galtee biyyaalessaa fidan waltajjii itti dhiyeessan ta’uu ibsan.

‎Guddataa Ajjamaatu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply