Magaalaa Finfinneetti lamileen miliyoona 2.5 olta’an tajaajila Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Argatan- Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee

AMN PLUS- Amajjii 4/2017

Magaalaa Finfinneetti lamileen miliyoona 2.5 olta’an tajaajila Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa argachuu isaani Biiroon Fayyaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinnee Dr. Mulugeetaa Indaalaa AMN Dijitaalatti akka himanitti, tajaajilli Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa sagantaa waggaa shan dura fayyadamtoota muraasan kutaa magaalaa 10 fi aanolee 40 keessatti eegalameedha.

Tajaajilli Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa kan eegale, baasii fayyaa ol’aanaa akka tasaa mudatu hanbisuuf, tajaajila fayyaa haqa qabeessa ta’e hawaasaaf dhiyeessuuf, qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessuu fi hirmaannaa hawaasni kenniinsa fayyaa keessatti qabu cimsuu akka ta’e Dr. Mulugetaan ibsaniiru.

Kanaan dura rakkoon hubannoo kan ture yoo ta’u amma garu hubannoon hawaasaa fooya’aa dhufuusaatiin Kutaa Magaalaa fi Anoolee hundumaraatti tajaajilli kun walga’a jira.

Tajaajilli kun irra caalaa hawaasaa galii gadi aanaa fi giddu galeessaa fayyadamoo taasisuuf kan eegale yoo ta’u, bara bajataa kana bulchiinsi magaalichaa maatii kuma 80 ol kaffaluu hindandeenyef baasii guutuu addatti uwwisuu isaa Itti Aanaan Itti gaafatamaa Biirichaa ibsaniiru.

Dr. Mulugeetan akka himanitti, bara kana miseensonni inshuraansii fayyaa hawaasaaf maatiin tokkoo qarshii 1500 kan kaffalan yoo ta’u, kan hafe ammoo deeggarsa mootummaan kan taasisu yoo ta’u, waggaa guutuu baasii dabalataa malee yaalii kan argataniidha.

Bara bajataa kana ji’oota 6 darban qofa keessatti lammiileen miliyoona 1 ol karaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaatiin yaalii argachuun fayyadamoo ta’uu Dr. Mulugeetaan ibsaniiru.

Tajaajilli Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa miseensa muraasan kan eegale yoo ta’u, amma garu rakkoo dinagdee fi hawaasummaa namoota heddu furaa jiraachuu isaa Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Birichaa ibsaniiru.

Tolasaa Mabraateetu Gabaase

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply