Magaalaa Finfinneetti shakkamaan ragaa sobaa qopheessaa ture to’atamuu Poolisiin Finfinnee beeksise

You are currently viewing Magaalaa Finfinneetti shakkamaan ragaa sobaa qopheessaa ture to’atamuu Poolisiin Finfinnee beeksise

AMN PLUS Waxabajjii 06/2017

Magaalaa Finfinneetti shakkamaan eeyyama daldalaa seera qabeessa dawoo godhachuun ragaa sobaa qopheessaa ture to’atamuu Itti gaafatamaan Sab-quunnamtii Uummataa Poolsii Finfinnee Komaandar Maarqoosa Taaddasaa AMN PLUS Diijitaal Miidiyaatti himaniiru.

Shakkamaan mana maxxansaa dhuunfaasaa Kutaa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo Aanaa 5 naannoo Ayyar Xeenaa jedhamutti sanadoota sobaa garagaraa osoo qopheessaa jiruu harkaafi harkatti to’atameera.

Shakkamaan ragaa barnoota sobaa, eenyummeessaa, eeyyama gahumsa konkolaachisaa, dabtara baankii, eenyummeessaa dhaabbata tajaajila Awutoobusii Magaalaa Finfinneefaa qopheessaa akka tures himaniiru.

Ragaa sobaa qopheesses birrii 400 hanga kuma 3tti gurguraa akka ture mirkanaa’uusaa Komaandar Maarqoos Taaddasaa AMN’tti himaniiru.

Meeshaaleen ragaa sobaa ittiin qopheessaa ture to’atamee qorannoon eegalamuus dubbataniiru.

Namichi yakkichaan shakkamee to’atame Dhaabbata Tajaajila Awutoobusii Magaalaa Finfinnee keessatti qacaramee hojjetaa kan ture yoo ta’u rakkoo naamuusaatiin dhaabbaticha keessaa geggeeffamuu Komaandar Maarqoos Taaddasaa dabalanii himaniiru.

Wandimmaagany Asaffaan

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply