Magaalaa Gaambeellaatti Irreechi Malkaa Baaroo kabajame

You are currently viewing Magaalaa Gaambeellaatti Irreechi Malkaa Baaroo kabajame

‎AMN PLUS-Onloloolessa 8/2018

‎Ayyaanni Irreechaa ”Malkaan Baaroo” magaalaa Gaambeellaatti waloominaa fi walitti dhiyeenyi karaa itti cimuun kabajameera.

‎Irreecha uummata Oromoo qofa otuu hintaanee ayyaana guutummaa Itoophiyaanotaa ta’uu ayyaanni irreecha malkaa Baaroo agarsiiftuudha jedhaniiru hirmaattonni.

‎Jaarsi biyyaa magaalaa Gaambeellaa Obbo Uudool Aguwaa uummanni Itoophiyaa aadaa fi dudhaa isaa eeguun dhalootaaf dabarsuu kan isa dandeessisu qabeenya aadaa keessaa tokko ayyaana Irreechaati jedhaniiru.

‎Ayyaanichi magaalaa Gaambeellaatti ho’inaan kabajamuun uummanni Oromoo fi uummanni Gaambeellaa walitti hidhamiinsa hawaasummaa fi diinagdee caalmaatti kan cimsu ta’uu ibsaniiru.

‎‎Har’a magaalaa Gaambeellaatti kan kabajame ayyaana Irreechaa malakaa Baaroo irratti abbootiin Gadaa haadholiin siinqee akkasumas jiraattoti magaalaa Gambeellaa fi keessummooti argamuu TOI tu gabaase.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

AmnAdmin

MAJOR ASCHIEVMENTS

Leave a Reply