Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (Dr.) bakka buutota barsiisota guutuu Ityoophiyaa irra walitti dhufan waliin mari’achuu isaanii ibsan.
Ministirri Muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanirratti dabarsaniin marii qaamolee adda addaa waliin taasisan itti fufuun har’as barsiisota guutuu Ityoophiyaa irra walitti dhufan waliin marii gaggeessuun, dhimmoota ka’an dhaggeeffachuufi yaadota hojii karooraaf galtee ta’an fudhachuu isaanii ibsaniiru.