Minjaalarra ciisee qorame: Qabxii gaarii dhibee dandamachuun galmaa’e

You are currently viewing Minjaalarra ciisee qorame: Qabxii gaarii dhibee dandamachuun galmaa’e

‎AMN PLUS- Fulbaana 7/2018

‎Aluddiin Huseen barataa qaxalee mana barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Beddelleetti. Qormaata biyyaalessaa Bara 2017’f qophii taasisaa ture. Daree keessatti sirriitti qalbeeffachuurra darbee yeroo dareen alatti baratus haalaan saganteessee qayyabataa ture.

Waan ifa isaaf hin taane barsiisota isaa gaafataa, hiriyoota isaa akkuma isaa qaxalee ta’an waliin mari’achaa, furmaata itti barbaadaa barnoota isaa hordofaa ture. Qophii gahaa waan taasisaa tureef ofitti amanamummaa guutuu horateera.

‎Sammuun, qaamaan, yaadaan akkasumas meeshaalee qormaataaf isa barbaachisaniin of qopheessee eeguu itti fufe, Aluddiin.

‎Haa ta’u malee, guyyaan qormaata biyyaalessaa akka borii ta’e, guyyaa har’aa dhukkubbiin tokko itti dhaga’ame. Dhibee isaa kana damdamachuu hin dandeenye. Wanta yaaddoo jedhan kan hin beekne barataan kun haalli dhibee isaa kan boqonnaa hin kennineef ta’uu yoo hubatu baasuu keessa seene. Sababni isaa bor qormaata irraa hafuuf jira.

Dadhabbiin isaa waggaa 12, dhamaateen inni qormaataaf taasise akkasumaan hafuuf jira.

‎Irra deddeebi’ee yaada sammuu isaatti dhufe kana keessummeessuu hin feene. Kana irra gara dhaabbata fayyaa deeme malee.

‎Hakiimotni qorannoo taasisaniin, dhibeen boqonnaa isa dhorke kun, kan dhiphina qormaataa ykn waan biraa irraa itti dhufe osoon taane, mar’immaan isaa irratti hafteen jirtu yaaliidhaan baafamuufi akka qabdu, kanaafis qoricha akka fudhatu itti himan.

‎Aluddiin ol jedhee deemuu hin dandeenye, akkamiin qormaata kana fudhataan yaaddoo qortootaa ture.

‎”Carraan kun tasumaa Isa darbuu hin qabu” jechuun murteessan.

‎Akkuma suura armaan gaditti argitan irratti mul’atu, gar tokkotti ciisuun Kompiyutara itti dhiyaatee kaa’ame irraa dubbisaa deebii kennuun furmaata filannoon biraa hin dhiifamneef ta’e.

‎”Qormaata dhamaatii hanga kana ga’uun itti qophaa’e irraa tasumaa hafuu hin qabu jennee, ogeessota Isa yaalan wajjin mari’annee kana murteessine” jedhan, Qindeessaan Mana Barumsaa Ifa Boruu Bultii Addaa Beddellee Yilmaa Gabbisaa.

‎Hangam Appendaayitisi kun isa muddus dhibee isaa dandamatee qormaata hundumaa teessoo irra dalga ciisee haala mijataan taane keessatti Kompiyutara irratti qoramus, “Erga mana Eeganii, sareef qoricha qotu” Mitiiree?

‎Aluddiin, guyyaa Qabxiin itti ibsamu hawwiin sababaan eeguuf yaaddoo “Nan kufaa laata?” jedhu qabaatee osoon taane, “Qabxii meeqa fideen darban” waan jedhu beekuu barbaadeeti.

‎Guyyaan isaa ga’ee qabxiin qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara 2017 tibbana yoo ibsamu, ifaajjiin barataa kanaa lafatti hin hafne. Qabxii gaarii ta’e 472 galmeessuun, yunivarsiitii seenuuf qophii taasisaa jira.

‎Dhibeen wayita qormaataa isa mudde har’a hin jiru. Bakka isaa gammachuufi mul’ata egereetu fuuldura isaa jira.

‎Dhibame jedhee osoo dhiisee, hakiimotniifi barsiisotni isaa osoo tooftaa kana hin fallee, gaabbiin Aluddiin har’aa daangaa hin qabaatu ture.

‎Yeroo sanatti Pireezidaantii Yunivarsiitii Jimmaa Jamaal Abbaa Fiixaa (Dr.) dabalatee jilli isaan faana haala qormaataa daawwachuuf gara Beddelleetti imale, barataan kun akka suuraa irraa mul’atutti sababaa dhibeen yoo ciisee qoramu arganii baay’ee gaddaniifii dafee akka fayyu hawwaniifiis turan

Akkasuma akka milkaa’u jajjabeessanii turan. “Biyyi kan ijaaramtuufi guddatu akkuma Aluddiin rakkoofi dhibee isaanii dandamatanii namoota galma ga’iinsa isaaniif carraaqan, lammiilee qaxalee akka barataa kanaa qormaatni qormaata irratti dhufu isaan hin inijfanneen” ta’uus wayita sanatti dubbatanii turan. Odeeffannoo kana Yuunivarsitii Jimmaa irraa arganne

‎Malkaamuu Abbabaatiin

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply