Itti Aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaan Misoomni Industirii Godina Shawaa Kaabaa Humna Guddaa Misooma Diinagdee Itoophiyaa ta’uu ibsaniiru.
Itti Aanaan Muummee Ministiraa Itoophiyaa Obbo Tamasgeen Xurunee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti maxxansaniin; Paarkii, Warshaa Seeraamikii fi Warshaan waraqaa paalpii godiina Shawaa Kaabaa daawwachuu isaanii eeraniiru
Warshaaleen gurguddaan kunneen damee induustirii irratti riifoormii akka biyyaatti eegalle bu’aa agarsiisaa jiraachuu isaaf ragaa qabatamaa ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaan damee omishaaf xiyyeeffannoo addaa kennitee hojjechaa jiraachuu himuun, dameen kun amala isaatiin danoomina qabeenyaa fi walitti hidhamiinsa dameelee gidduutti uumamuuf kan gargaaru ta’uus ibsaniiru.
Daawwannaa isaanii, Warshaaleen Godina Shawaa Kaabaa keessatti argaman qabeenya haaraa dinagdee biyyaatti dabaluu irratti humna dabalataa guddaa ta’uu eeraniiru.
Walitti hidhamiinsa dameewwan gidduutti uumamuun oomishni tokko kan biraatiif galtee akka ta’u, keessumaa gama carraa hojii uumuu fi sharafa alaa qusachuutiin gumaacha guddaa akka taasisan dubbataniiru.
Nagaa fi kutannoon jiraannaan, warshaaleen oomishaaf, lammiileen jijjiiramaaf, biyyis gara badhaadhina hunda-galeessaatti akka deemuu dandeessu Warshaaleen Godiina Shawaa Kaabaa agarsiiftuu guddaa tahuu ibsaniiru.