MM Abiyyi Ahimad Ministira Dhimma Alaa Saayipiras waliin mar’atan

You are currently viewing MM Abiyyi Ahimad Ministira Dhimma Alaa Saayipiras waliin mar’atan

AMN Plus- Fulbaana 28/2018

Ministirri Muummee FDRI Abiyyi Ahimad (PhD) Ministira Dhimma Alaa Rippaablika Saayipiras Dooktar Koonistaantiinoos Koomboosii fi jila isaaniin durfamu waliin mar’ataniiru.

Turtii Naannoo Giddugaleessa Itoophiyaatti taasifne xumuruun gara Finfinneetti erga deebinee jilicha waliin dhimmoota waloorratti mari’anneerra jedhan Dooktar Abiyyi fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Biyyoonni lamaan hariiroo dippiloomaasii, diinagdee fi siyaasaa caalmatti cimsuuf fedhii qabaachuu kaasan.

Dhimmoota kaayyoowwan keenyaa caalmaatti guddisanirratti marii bal’aa goonerra jedhan.

0 Reviews ( 0 out of 0 )

Write a Review

Leave a Reply